Tuesday, April 9, 2013

Qeerroon Bilisummaa Sochii Bilisummaa Ummata Beenishaangul(BPLM) Waliin Walitti Dhufe

(Qeerroo, Asoosaa, 8 Ebla 2013) Qeerroon Bilisummaa firummaa Sabawwan Cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa keessaa waliin jabeessuun Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul (BPLM) waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo bilisummaa irratti marii taasisee jira.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, Sochiin dargaggoota Biyyooleessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroon Bilisummaa) gaaffii mirgaa dargaggootaa fi sochiiwwan bilisummaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sabawwan cunqurfamoon finiinaa jiru waliin firummaa jabeessuutti jira.

Akka kanaan Qeerroon Bilisummaa, dhimma qabsoo bilisummaa irratti Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul (Benishangul People Liberation Movement) waliin walitti dhufuun marii hojii gaggeessee jira.

Ebla 04/2013 fi Ebla 05/2013 Qeerroon Bilisummaa dargaggoota Sochii Bilisummaa Uummata Benishaangul finiinsaa jiran waliin walitti dhufuun magaala Asoosaa keessatti dhimma qabsoo bilisummaa irratti gadi fageenyaan marii’atan.

Uummatni Oromoo fi Uummatni Beenishaangul jaalalaa fi ollaan yeroo dheeraaf nageenyaan waliin jiraachaa kan turan shira mootummaa wayyaaneen walitti buufamuu yaadachiisuun marii’atootni dhimma kanaa shira mootummaa wayyaaneen sharafamu mara dura dhaabbannaa fi tokkummaan qabsaa’uu isaaniis lafakaa’anii jiran.

Sabawwan Cunqufamoo uummata Beenishaangul uummata Oromoo diina kuffiisaa jiru cinaa hiriiruun garboomfataa mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan mirkansanii jiran.

Dargaggootni oromoo fi Uummata Beenishaangul Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul marii kana irratti walitti dhufan jaalalti ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo kanneen akka Sidaamaa,Affaar,Sumaalee fi kanneen biro jirtu daran jabaachuu akka qabduu fi jabinaan akka hojjetan mirkasuun qabxiilee ejjennoo armaan gadii irratti walii galanii jiran.

  1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee waan taheef diina waloo tahe kana gamtaan dura dhaabbachuun mirgaa fi bilisummaa uummata keenyaa mirkansuuf hanga dhumaa waliin ni hojjenna.
  2. Walitti bu’insa mootummaan wayyaanee tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata oromoo fi uummata Beenishaangul walitti buuse guutummaan ni mormina. Uummata keenya shira mootummaa wayyaaneef gowwoomfaman ni barsiisna.Aadaa uummata keenyaa qabannee tokkummaa fi jaalalaan waliin ni jiraanna.
  3. Dhimma qabsoo bilisummaa irratti wal cinaa dhaabbachuun gargaasa gama hundaan nurraa eegamu of qusannaa malee irratti ni hojjenna.
  4. Sabawwan Cunqurfamoo biyyattii keessatti mootummaa garboomfataa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti mataan rukkutamaa jiran waliin tahuun gaaffii mirgaa mootummaa abbaa irree wayyaanee irratti ni finiinsina.
  5. Diinni Oromoo diina uummata Beenishaangul kan uummata Beenishaangul diina ilmaan oromoo diinni kunis wayyaanee fi jala deemtota isaa tahuu hubannee gamtaan diina keenya dura ni dhaabbanna.
  6. Walitti dhufinsa Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa uummata Beenishaangul amma eegalame daran jabeessuun yuunivarsiitiilee, Koollejjiiwwan, dhaabbiilee mootummaa fi biyyattii keessatti firummaa jabeessuun akka waliin diina dura dhaabbatnu irratti ni hojjenna.
  7. Quunnamtii keenya daran jabeessuun diina keenya hanga hundeen buqqisnutti wal cinaa ni hiriirra.
  8. Barataan, Barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaan mootummaa,Poolisootnii fi kanneen biroon tokkummaa ilmaan oromoo fi Beenishaangul daran jabaate cinaa dhaabbachuun akka guyyaa bilisummaa saffisiisnu irratti waamicha ni dabarsina.
  9. Waadaa keenya hanga dhumaa tikfachuun wal gargaaraa fi wal cinaa dhaabbachaa hanga dhumaa tokkummaan,gamtaa fi tooftaa diina jalaa miliqaa taheen ni qabsoofna. Kanneen jedhan yoommuu tahu quunnamtii sochiiwwan bilisummaa uummata lameeniin gaggeeffamu jabeessuuf yeroo itti wal argaas lafa godhatanii jiran.

Mootummaan wayyaanee wayita uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa adda diiguu fi walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa jirutti firummaan sabawwan cunqurfamoo fi sochiiwwan bilisummaa gidduutti taasifamu daran jabaachuu qaba jechuun marii isaanii irbuun goolabanii jiran.

Injifannoon sabawwan cunqufamaaf!!

Dhugaan ni injifata!

No comments:

Post a Comment