Tuesday, April 9, 2013

Hiree Keenya Ifiin Murteeffatna Jedhu Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa

Ebla 09,2013 Jimmaa

Gotootni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa FDG egaalaan Jabeessuun itti fufan.Torbee darbee keessaa Bitootessaa 24/2013 irraa egaluun gaffii mirgaa Ofii kabachiifachuu gaggeessuun qaanqee FDG qabsiisaan hanga bilisummaan, Afaanii, Aadaa, Amantaa, Enyuummaa, Sabummaa, Biyyuummaa, Siyaasaa fi Dimokiraasiin dhugaan nuuf kennamutti qabsoo diddaa garbummaa egallee jirruu jabeessiinee itti fufna Jechuun barreeffaamotaa haallaan armaan olii irraatti xiyyeeffaatan guutummaattii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campusii,Mooraa Qonnaa, Mooraa saayinsii fi Teekinoolojii fi Ikoonomisii fi Biziineesii keessaattii bakkeewwaan beeksifnii hundii itti maxxaanfamuu fi namotni hundi arganii dubbiisuu danda’anitti maxxaansuun Qabsoo mirgaa Hiree ofii ofiin kabachiifachuu jedhuu maxxansuun FDG itti fufani.


Qeerroowwaa goototni baratootni Oromoo tokkummaa isanii jabeeffaachuun karaan Ummaanni Oromoo biyyaa Dimookiraasiin hin jirree fi mirgii dhalaa namaa addaatti immoo kan Uummataa Oromoo sarbamaa jiruu keessaatti mirgaa isaa kabachiifachuu danda’uu tokkichaa innis FDG jabeessuun itti fufuun Addunyaattii iyyaachuudha, jechuun guyyaa har’aa waaree boodaa barreeffaamotaa garagaraa mooraa Yuunivarsiitii jimmaa Fi Magaalaa Jimmaa keessaa bittineessuun mormii sirna Wayyaaneetiif qaban ifatti mul’isaa jiraachuun ibsatan.

Baatii darbee keessaa dabbaalloonnii Wayyaanee murtii dabaa guddinaa Aadaa fi Afaan Oromoo quucarsuuf dabarsaan baratootni Oromoo fi Sabboontotni Barsiisotni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa sagalee guddaan balaaleeffaatanii, murtiin kunis attattamaan akka kaafamuu gaafatan, Mootummaan Wayyaanee sochii jiruu sodachuun, murtii sana ni kaasna garuu fiilmii Afaan Oromoo kan agarsiisuu dabbaalotaa mootummaa ta’uu qaba malee akka asiin duraa Gumiin guddinaa fi dagaaginaa Afaan Oromoo agarsiisuu hin danda’uu, galiin filmii fi agarsiisaa Afaan Oromoon mooraa kana keessaatti argisiifamuu mootummaaf olaa malee Gumii Guddinaa fi Dagaginaa Afaan Oromoof hin oluu jechuun murtee duraani fooyyeessinee jechuu, ammas irraa deebii’uun dabaa uummataa keenyaa irratti dalagaa jiraachuun hubatamee jira. Shiraa fi murtoo dabaa yeroo irraa gara yeroottii mootummaan abbaa irree ilmaan Oromoo irraatti dalagaa jiruu goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa diddaa cimaa fi mormii cimaa kaasuun hiree keenyaa dabbaalleen kara deemtuun nuf hin murteessiituu waa’een uummataa Oromoo kallaatiidhaan nu ilaallata hiree keenyaa ofiin haa murteeffaannuu jechuun FDG egaalan jabeessan.

 Mootummaan Wayyaanee sochiin baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa to’annaa isaa ol taa’aa waan dhufeef humnotaa tikaa isaa fi humna waraanaa isaa gara magaalaa Jimmaa fi mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti galchaa jiraachuunis saaxilamee jira.

No comments:

Post a Comment