Sunday, April 14, 2013

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaa bulchinsa mootummaa Wayyaanee irratti miseensotni OPDO ifaan mormii kaasan

15,2013 Dirree Daawaa

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaan bulchinsa mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo addaan kukkutaa ture daandiin jalaa dhokatee jira. Magaala Dirree Dawaa keessatti yeroo dheeraaf dhaaba ilmaan Oromoo bakka bua jedhee wixine OPDO lammiiwwan amaaraa fi Tigiree bakka buutota jedhee kan lafa kaawwate irratti mormiin Miseensota OPDO oromoo tahaniin isaan dhaqqabe.


Magaala Dirree Dawaa keessatti ilmaan Oromoo miseensa OPDO tahan kanneen Amaaraa fi Tigiree tahan akkamitti dhaaba ilmaan oromoo bakka bua jedhee mootummaan lafa kaawe nuuf hoogganuu dandau? Isaan aangoo ilmaan oromoo irratti argatu taanaan nuyiifis aangoon dhaabawwan amaaraa fi Tigiree keessaa nuuf haa kennamu! Kanaan ala ammoo miseensotni OPDO hooggantootni amaaraa fi Tigireen wixinaman kunneen nurraa haa buan jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiran.

Wal gahiin OPDO yeroo ammaa kanas haala Filannoo magaala kanaa waliinii fi dhimma kanaan wal qabatee mootummaa wayyaaneef hojii fardii tahee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo magaala kanaa lammiiwwan Tigiree fi Sumaaleen dhiibbaa irratti goosisuuf kan jiru sabboontota miseensa OPDO tahan irraan iccitiin wayyaanee kan saaxilame yoommuu tahu miseensotni OPDO ilmaan oromoo tahan mootummaan wayyaanee gaaffii gaafanneef hatattamaan akka deebii kennu jechuun ifaan dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaaf ulee fi hidhaan deebii kan bare basaastota bobbaasuun doorsisa eegalee jira.

No comments:

Post a Comment