Thursday, April 4, 2013

HUNDA DURA, BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!

Y.G. (2005)* Irraa

Namni ykn humni yk Biyyi tokko, Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko, gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee, ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.

Biyyoonni gurguddanne jedhanii Addunyaa kana akka fedha isaanii hammacaa jiran hundi, Mata duree kana ejjannaa isaanii taasifatanii, badhaaftootaa fi hundeessitoota Dimokiraasii of taasisan, ejjannaan isaanii kun isa kaan keessa akka hin jiraanneef irratti hojjatan. Biyyaa fi Ummata isaanii har’aa mitii, isa waggaa 200 booda dhufaniif jecha, isa kaan hiyyummaa fi sirna wal nyaachuu keessa akka jiraatan taasisu. Isaaniif sabni ykn dhaabni ykn Biyyi ejjannoo kana qabu, saamichaa fi ol aantummaa isaaniif yaaddoooodha waaaannn jedhaniif bara lakkaawwatanis haa ta’u irratti duulan. Adeemsa kana kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Adeemsi kun garuu kaleessa fageenyaan qabsoo keenya irrati baawuzaa ibsee nu tu’ataa turee, har’a ofitti nu makatee nu dhamaasuuf jedhaatii of eeggachuun gaariidhaa, Qabsoon Maanguddoonni keenya cichoomiinaan asiin ga’an kan har’aaf bu’uraa, inni har’aa ammo isa boriif hundeedhaa, inni borii isa hegareef firiidhaatii waan fageessinee ilaaluu qabnu har’a mata duree kana jalatti waliif dhaamuun dansaa ta’aa jedhee yaade.

Hunda dura BIYYAA FI SABA kiyyaaf! namni jedhu tokko ykn ejjannaa isaa taasifate tokko , Qabsoo saba sanaa keessatti kan wal dhabuu danda’u maal irratti? yoo Biyyaa fi saba isaaf dursa kenna ta’ee , yoo xiqqaate adeemsa qabsoo waliin tarkaanfachuu danda’a jechuudha. Eessayyuu haa jiraatu, dhimma Biyyaa fi saba isaaf dursa kennee waan dursuu qabuu fi duuba irra aanuu danda’u irratti waliin mari’achuu danda’a jechuudha. Kan Biyyaa fi saba ISAAF dursa kennu qabsoo isaatti cichee jira. Inni waan dhuunfaa itti ida’e ammo, kufeeras ka’eeras. Inni Biyyaa fi saba isaaf afaaniin qofa lallabu ammo, har’allee dirree salphinaa keessa gangalataa jira. Inni waan kun akka jedhamu dhaga’u malee ofii jedhee hin beekne ammo, halgaattu of fudhatee dibbee achii reebamu kan isaa se’ee akkuma kaleessaa isaanuma waaqeffataa jira. Yk akka tasaa yoo sirba Qooqa Oromoo dhaga’e ISKISTAA rukuta. Ykn Itoophiyaa ye-Habashoochi hagar jedhanii isa keessaa moggeessanis , sagalee ol fuudhee waliin weeddisa.

Ejjannaan “Hunda dura Biyyaa fi Ummata Kiyyaaf!” jedhu qabaachuun, keessattu har’a hedduu barbaachisaa natti fakkaata . Ilaalcha siyaasaa nu keessatti mul’achaa jiruu(dhorkuun bu’aan isaa diinaaf waan ta’uuf) fi hegareefillee haaraa umamu danda’uuf bu’ura ykn furmaata waliigaltee Angafaa ta’uu danda’aa jedheen yaada .namni Mata duree kana ejjaannaa isaa taasifate, halagaatti hirkatee obbolaa isaa diiguuf ykn abaaruu hin yaadu. wal dura dhaabbatanii wal falmuuf ykn seenaan akka nama gaafattu taasisuun ni danda’ama. Dhimmi wal dhabdee ykn rakkoon jiru waan Biyyaa fi Ummata ofii gaaga’u yoo ta’e, dhimma kanaaf dursa kennanii waan wal irraa fi qabsoo ofii irraa ittisan madaa hin godhatu. Waan Biyyaa fi Ummata ofii irratti dhufu wal irraa ittisuuf, tarkaanfii fudhachuufillee bu’ura ta’uu danda’a jechuu kiyya.

Biyyoonni har’a gurguddatanii addunyaa bulchaa jiran kun, adeemsa siyaasa keenyaa waan nu qofa keessatti umame taasifnee, waan hunda keessaa of baafnee harka marannee akka teenyu nu taasise keessa akka dabran seenaa isaanii tarrisuu dandeenya. Lammii Ameerikaa ykn Faransaayi tokkon Biyyi kee eessa? yoo jedhaniin deebiin isaanii Maqaa Biyya isaanii waamu malee, bakka itti dhalatan hin waaman. Ummata isaaniis yoo gaafataman akkasuma. keenyatti yoo deebine har’a fooyyee qabaatus, Ejjannaa BIYYAA FI UMMATA dursa kenninuuf sana irratti dhiibbaa taasisee nu miidhaa jiraachuu argaa jirra. Waggaa 150 boodallee nu rakkisaa jira. Diinnis karuma kana nu seena. Kana cufachuun ni danda’ama. Kan cufu dhaaba ykn humna biroo odoo hin taane, dhalli Oromoo of irraa eegalee ykn of qulqulleessuu eegaluun ta’a. Biyya ykn Ummata dursa kennuuf yaannus “Oromiyaa fi Ummata Oromoo” isa jedhun xumura itti laachuu barbaachisa.

Rakkoon kun jiraachuun dhaabbileen siyaasaa Oromoo rakkoo kana dhabamsiisuuf irratti hin hojjannee miti. Hojjataniiru. Kun laafina nama tokko irraa kan madduudha. Kana irratti shirri diinaa jira. Kana malees kan dhimma dhuunfaa isaaf jedhee karaa qaxxaa muraa ittin deemu barbaadus ni jira. Sababaa gara garaan har’a ga’eera. Dhaloota itti aanu keessa garuu jiraachuu dhiisuu mala,ykn itti ce’uu hin qabu. Bu’ureessitoota Qabsoo Oromoo waan dinqisiifadhuun qaba. Waa sadii, maqaa dhalootaa dhalootatti dabre umuun, seenaa yoomillee hin buqqaanee fi hin banne kaa’aaniiru.

  1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
  2. Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
  3. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)

 Moggaasi Maqaa kun of eeggannoo hedduu of keessaa qaban. kan Oromoo ta’uu isaanii qofaa kan ibsan. Biyyaa fi Ummataaf dursa kennu illee of keessaa qaban. Bakka dhalootaa, Amantii, dantaa kkf of keessaa hin qaban. Kun jabiina isaaniitii. jabiina kana waliin kan jiran jiru. Maqaa seena qabeessa kana halgaa jala ruuquu kan abbaluus jira. Kan maqaa kana saamuu barbaadus ni jira. Kan maqaa haaraa baafatees jira. Kana irraa bilchina sammuu nama keenyaa nu hubachiisee jira. Falmiin isaanii ABO qabchuu moo Ummataaaf ka’uu isaanii. kana keessaan, Biyyaa fi Ummataaf yoo dursa kennu ta’ee, saamicha maqaa maaltu fidee isa jedhuus kaasu hin hafu. Gama biraan, Kun hundi odoo hin umamnee waan nuuf hin tollee fi tolu hin hubannu turre. Qalbiin ilmaan Oromoo har’aa kan kaleessaa irraa hedduu fagaate jira. Waan nu toluu fi hin tollee akka gaariitti hubataa jirra.

Miidhama nu irra ga’u irraa waa hedduu haa jennu malee , qabsoon Oromoo odoo mana isaa keessatti wal hin salphisiin, alumatti waa hedduu irraa barataa jiraachuu dagachuun hin barbaachisu. Yoo xiqqaate akka somaaliyaa hin taanu. Kana keessaan waan dafee nuu galee wal sirreeffannee waliin tarkaanfachuu odoo dandeenyu, karaa ofitti dheereessaa jiraachuun keenya akka jirutti ta’ee jechuu kiyya. Qabatamaan yoo keenyes, walitti dhufuun dhaabbilee siyaasa OROMOO hunda kan gammachiisaa jiruuf, wal danquuf jennee halgaan odoo nuun hin jenne nuuti of irratti hololluun osoo hin taane, waan keessa dabran irraa barachuu irraati. Waggaa 2 faa’aa booda ammo, hundumtuu ilaalcha walii deeggaree.,TUMSA qabsoo irratti akka walii galuun shakkii hin qabu. Maaliif yoo jedhame, wal malee waan qabnu hin jiru. ADDUNYAA dantaa isaaf jedhee, kan ummata fixu dantaa isaaf jedhee jiraachisee, kan isaaf hin taane, garuu ummata isaaf ta’u konkolaachisu odoo arginu, wanni jibba bara baraa nu keessatti uumu jira jedhee waan hin yaannefidha. Har’a irra dhaabbannee kan kaleessaa busheessinee bu’aan argannu tokkollee hin jiru. Qabsoo Ummata Oromoo miliyoomaan sochoosaa jiru kanaaf bu’urri qabsoo kaleessaa fi qabsaa’oota kaleessaa fi har’as itti jiranitti. Kana amannee fudhachuu nu barbaahcisa. Eenyuf jennee wal rakasiisuuf fiigna. Oromoon sadarkaa diina irratti wal hamatuu kan dabree waan jiru fulleettiwalitti himee tarkaanfachutti ce’uu qaba. Namni diina ummata kanaa har’a illee hin hubatiin yo jiraate, waa’eema qabsoo illee kaasuu osoo dhiisee wayyaaf.

Biyyaa fi Saba ofiif dursa kennanii tarkaanfachuun yoo eegalame, tarii diinni gama hundaanu albee nutti qarachuu akka jabeessu beeku barbaachisa. Albee qarannaan isaa qabsoo Oromoo irratti malee, dhaaba keessaa filatee akka hin taane hubachuu nu feesisa. Tarii humna waan isaan jedhan fudhatu ofitti qabanii isa kaan dhaamsuuf yaaluun ni jira ta’a. kanaaf waan ta’uuf deemu kana qolachuuf fakkeenya tokko tokko kaasuun dansaadha.

Baatii xumurree kana keessa , Obaamaan Biyya Israa’eel dhaqanii, dhimma Filtsixeem kaasanii jiru. Dhimmi israa’eelii fi Filtsixeem waggaa hedduu lakkofsisee jira. Nama hedduttu dhumes. Garuu rakkoon kun maaliif furmaata hin argatu? kun seenaa mataa isaa qaba. Haa ta’utii Obaamaan dursaa Filitsixeemootaa , Mahaammud Abbaas waliin ibsa laataniiru. Wanni nama gaddisiisu, kan Filtsixeemoonni itti dhumaniif kan murteessu qaama fageenyaan isaan tu’atu ta’uu isaatii. Ani Ameerikaan Israa’eeliin deeggartee, Filitsixeemootatti arraba miidhagfattee itti dhihaachuu ishee odoo hin taane, waan Filtsixeemoonni ta’aa jiran, hegaree keenyaaf sodaachiisaa waan ta’eefii .

Obaamaan dhuunfaatti waan kanaaf murtii laadhaa odoo jedhamanii akka har’aa kana namni osoo dhumu waliin haasa’aa kan jedhan natti hin fakkaatu. Bakka jirantu Biyyaa fi Ummata isaaniif dursa kennu taate, waan jedhan jedhanii deeman. Obaamaan akka jedhanitti, “isin Mootummaa mataa keessanii dhaabbattanii akka jiraattan ni feena. Kun mamii hin qabu. garuu Israa’ee waliin haas’auu qabdu. kun walii galtee lameen keessan irratti hundaa’aa ” jedhan. itti fufanii ammo “isin, garee abbaasiin jechuu isaanitii, isin HAMAAZIN balaaleffachuu qabdan. Hamaaz terarstiidha. Inni odoo jiru akkamiin dhimmi keessan hiikama. Israa’eeliin kaleessallee bombin reeba. Kun furmaata hin ta’u. kanaaf Ummati Filtsixeem HAMAAZIN balaaleffachuu qaba” jedhan.

Mahaammud Abbaas ammo akkas jedhanii deebii laatan. “ yaadi keessan kun dhuma hin qabu. Biyya ta’uu dandeessu jettu. Garuu Israa’eel Biyya keenya irratti mana ijaartee fudhachaa jirti. Ni dubbattu garuu furmaata hin fiddan. Waliin haasa’aa kan jedhu kana nuffine jirra. Haasaan keessan kun abdii qofaadha. Hojiin hin jiru. Nuuti waan isin irraa eeggannu maraaf obsa fixanne jirra . ummati keenya guyyu tumamaa jira …” Jedhan aariidhaan.

Obaamaan guyyuma sana, yunivarsitii Israa’ee tokko dhaqanii Dargaggoota Israa’eeliin akkas jedhan. “ Nageenyi israa’eelii fi Filtsixeem isin harka jira. Dargaggoonni Filitsixeem akkuma keessan barnoota , tekinolojii, jireenya gaarii kkf ni barbaadu. Kana milkeessuuf nagaan waliin jiraachuu barbaachisa. Nagaa kana bor argamsiisuuf , har’a isin walin mari’achuu qabdan. Waliif yaadu qabdan. Gargaaraanii. Obbolaa keenya jedhaatii mootummaa keessanitti himaa !hamaaziin dhaabuuf warra beekumtii isiniif kennaniin walii galaa. (garee abbaas jechuudha.) jedhanii gorsan. Dargaggoonni kun amma guddatanii ANGOO qabatanitti rakkoon kun hin hiikamu jechuudha.

Warri Rippaabilikaaniis odoo dhufanii kanuma jedhan . mee yaada kana keessa shirri meeqa akka jiru ilaalaa . kana keessaan jabiinni warra Filtsixeem hangam irriiba akka isaan dhawwee jiru nutti mul’isa. Keessattu gareen abbaas , hamaaziin wal dhaggeeffachuu eegaluun isaa irree isaanii kan jabeesse fakkaata .Angoo waliif qoodu danda’un isaanii diina isaaniif summii ta’e. yeroo qopha qophaa turan sana garuu maal akka ta’aa turan inuma beekama. Isaan amma jabiinaan kan irratti waliif galan, Biyyaa fi Ummataaf dursa kennu irratti. Bu’aa Biyya isaanii dursan. Kun ammo walitti isaan fidee, ajandaan isaanis dhaabbata Mootummoota Gamtomanii keessatti dhaga’ame. Dantaa ta’ee Ameerikaan har’a isaan gorsitu, bilisummaa isaanii dhorkite. Adeemsi kun Ameerikaa qofaan odoo hin taane, chaayinaa,Jaappaan,Ingilizii, Raashiyaa … dabalatee hegaree keenya irratti gaadidduu uumuu waan danda’uuf, Biyyoonni gurguddatan kun dantaa isaaniif jedhanii , tokko ofitti qabanii isa kaan fageessuu irraas baratanii toftaa boruu waan umamu maluuf waliif birmachuu fi wal dhaga’uuf karaan har’uma saaqamuu qaba.

Gibtsi har’a rakkoo hamaa keessa jirti. Akka mootummaatti waan waamamu iyyuu hin qabdu. Garuu bu’ura jabaa tokko qaban. Ummati FI waraanni Biyyaa , dursa kan kennaniif qaban. Ummati mubaarakiin ega buusee booda maqaa siyaasaanis ta’uu Amantiin kan itti dhufe , dursa Biyyaa FI ummataaf kennu dadhabuu isaanii irraa hunda balaalefatee haqa isaa argachuuf falmachaa jira. Waraanni har’a maalis ta’u Biyyumaaf dhaabbate. Dantaa Biyyaa eegsiisaa jira. Ummati Biyya keessaas ta’ee alaa haala kanaan Biyya seena qabeetti kana bakkatti deebisuuf falmachaa jiran. Diyaaspooraan isaanii dhaabuma ijaaramaa bulu waliin fiiganii kufaatii isaanii fi diigamu isaanii hin baayyifne. Kan itti dhufe sirnaan dhaggeeffatanii dhaabbadhu jedhuun. Biyya dhalootaan waliin hin dirrisan. Kana irraa barachuun dansaadha. Adeemsa siyaasaa Biyya alaatti gaggeeffamu kanaan Biyyaa fi Ummata dursu dhabuu irraa meeqatu meeqa waliin fiige kufee ykn abdii kutatee ykn karaa wallaalee hafe. Dhaaba tokkof utubaan deeggaraa fi miseensa isaa ta’uu beekun barbaachisaadha.

Biyyoonni gurguddatan yeroo baayyee warra Biyyaa fi Ummata isaaniif dursa kennan hin jaallatan. Kanaafis, Addunyaa irratti kan jibban tumanii , ajjeesanii kan barbaadan Lammii Biyya barbaadanii Biyya isaanii keessatti leenjisanii kan qopheessan dursaa Biyya tokko taasisan. Yoo fedhanis mormii sirna tokko irratti kaasanii , Ummati akka balaalefatu taasisanii irraa kaasanii maqaa dhaabbilee mormitootaan waan barbaadan irra keewwatu. Kun hundi Biyya tokko irratti qofaa kan dhaabbatu odoo hin taane, dhaabbilee siyaasaa irrattis inuma gaggeeffama. Dhaloota tokko kuffisanii dhaloota itti aanu itti ijaaran . kun hundi boruu kan nu eegatuudha. Wanni har’aaf jennee wal gufachiifnu , boruu nu miidha. Waanni hojjnnu hundi dantaa keenyaa fi adeemsa keenya irratti kan hundaa’u ta’uu qaba. Ajandaan nu kennamee socha’uun jalqabamnaan rakkoo biraatu nu eeggata. Dubbii harreetti hin fe’anii na ga’a. “HUNDA DURA BIYYAA FI SABA KOOF” bu’ura walii galtee ta’uttan fudha.

* Y.G. (2005): Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment