Thursday, April 18, 2013

Labsa Guyyaa Gootota Oromoo – Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 15, 2013
Yaadannoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoof osoo qabsawanii wareegamani kan barbaachiseef waan aadeeffatame qofaaf osoo hin taane guyyaa kana seenaa qabsoo dheeraa ummatni Oromoo of dandamachiisuuf geggeesaa jiru kabajaa fi boona guddaan kan itti yaadannu dha.

Guyyaa har’aan tana kaneen qalbii keenya keessatti yaadannu gootota ilmaan Oromoo yeroo biyyii keenya Oromiyaan harqoota kolonii jalattii kuftee eegalee lubbuu isaanii qaalii wareegan tau irra deebinee of yaadachiissuun dirqama.

Guyyaa yaadannoo goototaa Oromoo bakka argamnu marattii waligurmeessuun haa tau akka nam tokkeettii kaneen yaadannu fakkeenyaaf: dhuma jaarraa 19ffaa keessa yeroo koloneeffataan Habashaa gargaarsa baar-gamaatiin humneeffamee biyya keenya weerare ilmaan Oromoo kumaatamaan wareegaman, galmee seenaa keessatti kan argamu, bara 1928- 1948 keessa fincila Raayyaa, 1964 -1970 keessa fincila Baalee, ijaarsa Maccaa fi Tuulama keessattii, fi bara 1970ta irraa eegalee qabsoo bilisummaa ABOn fi sabboontota biraan geggeeffamaa turee fi jiru keessatti wareegaman mara.

Yeroo dhihoo as kanneen lafee fi dhiiga ilmaan Oromoo aarsaa godhanii impayera Itoophiyaa keessatti aangoo ittiin qooddachuuf tattaafatan heddummaachuun kan nama gaddisiisu. Haa ta’u malee hundinuu kan hubachuu qaban Oromoon impayera ijaaruu hin qabu. Qabsaawootni dhugaa impayera diiganii awwalchaa isaa irratti Oromiyaa walaba taate ijaaranii iggitii itti gochuu dha.

Ergamni keenya har’aan tana lubbuun jirru bu’a harcaatuuf jecha dhuga awwaaluu miti. Gaafatamni seenaan nu irraa eegu gucaa bilisummaa jaallaan keenya nu biraa kufan qabsiisan ol kaafnee qabsoo galamaan gahuuf waada keenya haaromsuu dha. Kanneen Oromoo gananii gara Itoophiyaa qaxaamuran martinuu ammaa illee irra deeb’ianii qalbi ofii akka qoran yaadachiifna. Wareegama bilisummaa Oromoof kafalame gurguratuun fafa jenna.

Akkasumas kanneen qabsoo bilisummaa geggeesina jedhan hundinuu guyyaa yaadannoo qofa kabajuu miti. Qabsoon maal akka gaafatu beekanii tokkuummaan qabsaawoota Oromoo akka dhugoomu hojiin argisissuun dirqama oolee buluu hin qabne. Keessaa ammoo dhaaba ABO deebisanii kaayyoo xaliilaa jalattii tokkoomsuu fi humneessuun kan yeroon itti kennamu miti. Ummatni Oromoo illee kan nu irraa eegan lallaafuu osoo hin taane of kenniinsaa fi qaroominaan qabsoo finiisuu dha.

Guyyaa goototaa kana diina biyya keenya bortaan qabatee lafee nu qorqaa jiru kan yaadachifnu yoo jiraate wareegama fedhe illee yoo gaafate qabsoon bilisummaa Oromoo kan duuba deebi’u akka hin taanee dha. Seenaan mootummaa koloneeffattuu Habashaa kan utubame seenaa fokkataa, mirga dhala namaa sarbu, ummata lafa irraa buqqisuu, aadaa rorroo fi cunqursa ummata irratti geggeessuu, aadaa ajjeechaa fi hidhaa, aadaa uummata lafa irraa daguuguu fi hidhaa qalbii waan ta’eef wareegama kamuu haa gafatatu malee of irraa buqqisuuf yoom illee qophii tanee argamna.

Seenaan Oromoo seenaa gootummaa ti. Seenaa kabajamaa gootowwan kufan nu dhaalchisan akka hin daganne irbuu keenyaa ni haaromsina. Qabsoo bilisummaa ittifufuudhaan mirgoota hanga ammaa dhiigaa fi lafeen argamsiifne ni ittifna, daangaa Oromiyaa dhiigan ni kabajchiifna, Oromiyaa bilisoomte dagaagsinee kabajaa ummata keenyaaf malu ni gonfachiifna. Qabsoo keenyaan kaartaa fi seenaa adunyaa haarayaa kan biyti walba taate Oromiyaa jedhamtu keessatti beekamtu akka dhugoomtu ni mirkaneessina.

Haraan tana guyyaa goototaa yeroo yaadannu amma illee kutannaa fi kaayyoo jaallan keenya itti wareegaman osoo hin sharafin qabannee qabsaawaa jirra. Kaayyoon ilmaan Oromoo itti wareegamanis Oromiyaa walaba taate deebifnee argamsisuuf malee Itoophiyaa dimokraatessuuf hin turre, miti ille. Qabsaawootni Oromoo fi ummatni Oromoo martinuu qabsoo haqaa Oromoon mirga guutuu itti qabu haguuguuf kaneen wixifanna maayyiitti jiran akka jiran dagachuu hin qaban. Gochaan warra nyaaphaa fi uggumanni kun qroomaan dura dhaabbatamuu qaba. Dura dhaabbatuu qofa osoo hin taanee kaayyoo galmaan gahuuf tattaaffii keenyaa dachaa ol haa kaafnu.

Bilisummaan dhiigaan malee hin argamu. Addii Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessaa ammas qabsoo ummata Oromoo qindeessuuf dirqama ofitti fudhatee fi irbuu seene kabajuudhaan hanga maayyiitti wareegama barbaachisu kafaluudhaan dirqama kan galmaan gahuuf ni qabsaawa.

Guyyaa yaadannoo kana sababfachuudhaan ummatni Oromoo martinuu qabsoo kana cina akka dhaabattan kabajaa lammuummatiin waamicha isiniif goona.

Qabsaawootni ABO bakka adda addaatti argamtan martinuu ABO deebifnee dhinsuuf sochii jalqabnee jirru fiixa baasuuf kka of qusannoo malee carraaqnu cimsinee isin yaadachiifna.

Mooraa qabsoo bilisummaa keessatti kan argamtan martinuu tokkuummaan dhugaa humna tau hubatuun marii tokkuummaa eegalamee jiru milkiin akka xumurannuu hawwiin keenya guutuu akka ta’e ABOn irra deebi’ee addeessa. Kanuma dhugoomsuuf yaaliin itti jirrus abdachiisaa fi ijaqabeessa tahuu ummata keenya kan nu eegaa jiruuf mirkaneessina.

Guyyaan gootota Oromoo bara baraan ni jiraata!
Oromiyaan ni bilisomti!
Injifannoo ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment