Saturday, March 23, 2013

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Caalliyaa Geedoottii Sababaa FDG daran jabaatee itti Fufeen Barsiisonni Oromoo ta’an Hidhamaa Jiru

Bitootessa 23, 2013 Amboo

Mootmaan wayyaanees diddaa goototni baratootni Oromoo mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa gaggeessaa jiranitti rifachuun sabbontotaa barsiisotaa ilmaan Oromoo ta’aan FDG baratootni gaggeessaa jiran keessaa qooda qabduu jechuun barsiistotaa dorsiisaa jiraachuun gabaafame jira.

Haala kanaan Bitootessa 20, 2013  galgala barsiisaan Afaan Oromoo Barsiisaa Biraanuu Dirribsaa Barsiisaa M/B Geedoo sadrkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa kan ta’ee humnotaa poolisaa fi tikaa Wayyaaneetiin ukkaaffaamee essaa buuteen isaa dhabamuun gabaafamee jira. Gototni baratootni Oromoo M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa guyyaa har’aa hanga barsiisaa

Biraanuu Dirribsaa barsiisaan keenyaa fi baratootni Oromoo hidhaman hiikamanitti barnotaa dhaabnee FDG jabbeessinee kan itti fufnu ta’aa jechuun beeksifatanii diddaan baratoota mana barumsaa Geedoo jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru.

Kana malees barattooti Oromoo barataa Tolaa Baqqaalaa  fi Barataa Masarat Abarraa jedhamaan diddaa baratootaa Oromoo M/B Geedoo kakastanii isiin ABO dha jechuun qabamanii bakka buuteen isaanii him beekamne.

Qeerroo Amboo

No comments:

Post a Comment