Friday, March 22, 2013

FDG Dargaggoota Aanaa Geedoo fi Miidaqenyii Itti Fufe

Bitootessa 22, 2013 Amboo

Mootummaa abbaa irree Wayyaanee gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf hidhaa kan filatu Godina Shawaa lixaa aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii mirgaa uummatni gaafatu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Aanaa Geedoo fi Midaaqeny keessatti gaaffii uummatni Oromoo gaaffii bilisummaa dhiyeessaniif waraanaa fi humna poolisaa itti bobbaasuun ummata Geedoo jechaa jirti.

Haala kanaan manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo cufamuu fi barattooti gaaffii kaasaniin wal qabatee dargaggoota Oromoo:


1. Shallamaa Giddoolee

2. Fayyisaa Guddinaa

Jedhaman kan keessatti argaman namoota hedduu hidhamanii akka jiran gabaasi jiru addeessa.Dargaggoonni kun sababaa uummata diddaa gabrummaaf jecha qindeessu isini jechuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala Geedoo keessatti ukkaamsamanii jiran.Wayyaaneen shira kamuu tolchee gaaffii mirgaa dura dhaabbatus guyyaan bilisummaa waan dhiyaateef uummatni harka wal qabatee akka kau qeerroon aanaa Midaaqenyii fi Geedoo addeessanii jiran.

Qeerroo

No comments:

Post a Comment