Wednesday, September 25, 2013

WBOn Haleellaa Mootummaa Wayyaanee Irratti Fudhataa Jiru Itti Fufuu Beeksise

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 23, 2013) 

Humni addaa WBO Hararge Dhihaa keessa sosso'u tarkaanfii gara garaa fudhataa jiruun diina raasaa fi ummata gammachiisuu irratti argama. Akka kanaan Fulbaana 2, 2013 Harargee Dhihaa Ona Mi'eessoo karaa gara Gololchaa geessu irratti miseensa tikaa sirna Wayyaanee Alamayyoo jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen akka hamaatti madeessuu irraa waldhaansaaf gara Finfinneetti dabarfamee jira.

Fulbaana 2, 2013 akkasuma Ona Mi'eessoo magaalaa Mi'eessoo cinaatti tika diinaa ummata hiraarsuun beekamu Fiqaaduu Fiqree jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen du'aan adabe. Kana malees humni addaa WBO Harargee Dhihaa keessa sosso'u Ona Xulloo Dabbasoo bakka Jaldoo jedhamutti humna diinaa paatroolii irra turetti haxxee hidhuun haleelee loltoota diinaa 7 konkolaataa ittiin sosso'aa turan waliin barbadeesse. Loltoota diinaa ajjeefaman keessatti gaafatamaan tikaa Olaanaa naannoo sanii Komander Lammaa jedhamu keessatti argama.


Humni addaa WBO tarkaanfii itti fufiinsaan fudhateen Ona Doobbasoo bakka Aynaagee jedhamuttis humna diinaa sakattaa irra ture haleeluun loltoota 8 ajjeesee 5 madeese. Lola kanaanis diina irraa meeshaa lolaa adda addaa hiikkatuu ajaji WBO Godinaa Harargee Dhihaa hubachiisa. Gama kaaniin Gootichi WBO Shawaa keessa sosso'u tarkaanfii gootummaa diina irratti fudhateen qondaala basaasaa diinaa tokko ajjeesee loltoota 2 isa waliin turan haalaan madeessuu beeksise. Tarkaanfii Fulbaana 19, 2013 galgala keessaa sa'aa 8:45 irratti Ona Boosat magaalaa Olancitii keessatti humni addaa WBO fudhateen qondaalli tikaa Wayyaanee Shambal G/Igzabeer jedhamu mana isaa keessatti oggaa ajjeefamu loltoota 2 fi namoota biro 3 isa waliin turan madaa'uu irraa gara hospitaala Adaamaatti geeffamuu ajajni WBO hubachiise. Basaasota diinaa kanneen wayta tarkaanfiin kun irratti fudhatame ummata Oromoo irratti karaa hojii basaasummaa itti jabeessaan irratti mari'ataa akka turan ajajni humna addaa WBO beeksise. Kana malees Qondaalli diinaa tarkaanfii WBOn ajjeefame kun Adaamaa hanga Dirree Dawaatti sosso'uun kan Oromoota hiisisaa fi ajjeesisaa ture tahuu kan hubachiise ibsi ajajaa WBO itti fufuun Shambal G/Igzaabeer dhiheenya kana sabboonaa Oromoo Taammiruu Alamuu ajjeesisu fi abbaa fi obboleeyyan isaa hidhuun irratti roorrisaa jiraachuu beeksise. Tarkaanfii diina irratti fudhatame kanaan ummatni naannoo gammachuu isaa WBOf.

 I.U.Of!!

No comments:

Post a Comment