Saturday, August 10, 2013

OPDO

Oduu OPD irraa !!!

“OPDO manna tiksee horii akaakayyuukoo wayya” jedhani warri argan.Maaliif yoo jettan Tikseen akkakayyukoo gaafa horri gadi yaasattu, horii ishee gara feetetti oofti, Bineensa irraa ni eegdi,ni soortis.Gaafa gara manaatti deebitu nyaata ni argatti.Yoo barbaadde illee tiksuu hin barbaadu yoo jette ille dhiistee gara mana warra isheetti galuu ni dandeessi. Gaafa tiksitus, tikseen kan biraa ykn namni kan biraa horii isheen eegdu irratti ishee ajaju hin danda’u.Tikseen kun ihundi isaani kana mataa mataa isanii eeggatu.Horii tiksan irratti tokko tokkoon humnaan dirqisiisuu hin danda’u.

Kan jarreen OPDO garuu nama gaddisiisa ta’e. Kan uumata gaggeessan irratti namni biraa isaan ajaju. Kan namni biraa isan gorsu. Kan ofii murtoo tokko laachuu hin dandeenye. Kan sammuu fi gorsa namaan akka horii socho’an.

Ibsa giddu kana baasanii jira: Akka ibsichaatti:

OPDOn Gaaffii fi rakkina Oromoo kamiyyu furuu akka hin dandeenye dubbatan !!!
Giddu kana OPDOn fi qaamoleen Oromiya keessa wayyaneen ergamanii sosocho’an walgahii komii ariifachiisa godhan irratti Obbo Abba Dulla Gamada dubbi godhanii turan.


Bakk bu’ootni oromoota keenya walgahii kana irratti aragaman akka ibsanitti OPDn dhimmoota Oromiyaa keessatti yeroo amma kana godhamaa jiru irratti qabxiilee muraasa irratti marii taasisan keessa waa’ee Uumata Oromoo humnaan reebuu fi ajjeecha irra gahaa jiru irratti ture.


Keessuma uummata Musliima waliin walqabsiisuun uummata Oromoo naanno Arsii Kofalee,Dodola keessatti Ajjechaan raawaate kan isaan gaddisiise tokko tokko akka dubbatan ibsameera.Isaan keessa Obbo abba Duula Gammadaa isa tokko.


Akka walii galaatti gochichi humnaan ajjeechaan uumata doorsisuun gochaa beekumsaa fi eeyyama dhaaba OPDO kan hin raawatamnedha, OPDOn ajjeechaa sana dhaabsissuu hin dandeenye kan jedhan erga dubbatanii booda, dhaabni isaanii ergamtuu fi bitamtuu warra Wayyaanee ta’uu isanii ofuma isaanii mirkaneessaniiru. Dhaabni OPDO rakkooleefi gaaffi uummata Oromoof deebii kennu fi hiree mataa isaatiin murtoo dabarsuu kan hin dandeenye ta’uu isaanii ibsaniiru.


Paartiin kun gabaasa isaa Gazetaa SENDEK wagga 8ffaa, lakkofsa 413 irratti ibsa baaseen,gaaffii Uummata Musliimaa fi gaaffiilee Oromoon gaafatu itti amanuudhaan Paartiin keenya OPOn garuu deebii lachuuf yoomiyyuu humnaa fi eeyyama kan hin qabne akkasumas humna isaaniin oli akka ta’e ibsaniiru.


Yeroo amma kanatti marii fi haala seera qabeessaan gaaffi furamuu qabu wallalummaniifi dhiitichaa fi ajjeechaa haala seera hin qabneen uumata ajjesuu, jechuun ofii fi dhaabicha komataniiru. Akka jedhanitti Akka Obbo Abba Duulaa ibsanitti,Paartiin kun yoomiyyuu dogoggoroota kana dura uummatarratti godhamaa ture irra barachuu hin dandeenye kan jedhana,ammalle dogoggorri kun uummata keenya irratti warra dhaaba kan biraa irra oduu fi gorsaa fudhachuun uummata fi qabeenya uummataa miidhuun yoomille kan kufatiiitti nama geessuufi uummata gaddisiisu ta’uu himaniiru. Gochaan uummatarratti godhamaa jirus dogoggora guddaa ta’uu isaa kan himan Obbo Abba Duulaa Gammadaa, Uummata ajjeesuun fi hidhuun ytoomiyyuu qabsoo uummata bala’aa Oromoo kan gadi hin qabne ta’uu isaa hubachiisuun dhaabichi walumaa galatti dhaaba dhugummaan uummata Oromoo kan bakka bu’ee hojjechaa hin jirre ta’uu isaa ibsaniiru.Dhumarrattis, Oromoo hundiyyuu dhaabni keenya OPDOn gaaffi fi rakkina uummata Oromoo deebisuu ykn furuu akka hin dandeenye hubatee karaa barbaachiseen qabsoo itti jabeessuu akka qabu obbo Abba Duulaa waamicha isaa dabarseera.
(Source፡- Gazeta Sendek, 8ffa lakk. 413 ነሐሴ 01/2005)

Gaafa uummatni Musliimaa naannoo Dessee , fi Warri Amhara kuni hiriira gochaa turan Presidentichi Amhara ‘Ayalew Gobeze’,hiriira isanii hin mormine. Akka namni tokko ille hin miidhamne/hin ajjefamne Poolisootaf akeekkachiisa fi ajaja kennuu isaa ibsameera.


Gaafa Abbayi gama ceetan ‘rammoon fooni foonuma’ akkuma jedhan;gaafa rakkinaa hundi harka walirra qabu.Du’aaf dabarsanii walin laatani.Egaa gabaabummatti;mee OPDOn uummata keenya ajjeesisaa haamma yoomiitti qarshii sassabachaa Oromiya saamsisaa jiraatti ta’a kana jedhu abjuun abjoodhe. Abjuunkoo garuu dhihootti lubbuun OPDO akka keessa bahun arge.Ammalle lubbuun uummata Oromoo lafarra fixaa jiru lubbuu isaa hin dheeratu.

Kana beekuu qabu.
Yoomille akkasitti hin hafu.
Gaaf tokkos hin gaafatamu.
Oromiyaan bara baran haa jiraattu !!!!
Oromoonni garuu; jabaadhaa, baradhaa, barsiisaa, waljaalladhaa, waliif ta’aa, harka walirra qabaa.

No comments:

Post a Comment