Gara mata dureetti deebi’uudhaaf, mee dura gaafiilee tokko tokkon kaasuu barbaada: Haala yeroo ammaa kanarraa Oromoon maal barata?Keessumaayuu warri Habashoota wajjin waliigallee, hojjennee biyya takka waliin ijaarra jedhanii yaadan, dhugumatti projektiin isaanii kun ni milkaaya jedhanii amauu? Makmaaksi: “Diinni diina kiyyaa michuu kiyya” jedhu akka waliigalaatti dhugaa haa ta’u malee, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti waan hojjetu hin fakkaatu. Har’a, diina hamaa, Wayyaanee nama-nyaata kana injifachuuf jedhanii, Habshoota biroo, kan yoo haalli mijateef sirna dulloomaa durii sana deebisanii ijaaruuf hawwi qaban, wajjin tumsa uumuuf yaaduun ykn yaaluun deebiin isaa akkuma weellisaan keenya Adam Haruu ”Waraaboon narraa bu’ee, qeerransi narra bayus, bineensi bineensumaa,…” jedhe sana ta’a. Oromoon diinota hamaa lama akka qabu yoomiyyuu caalaa hubachuu qaba. Isaanis nafxanyoota haaraa (Wayyaanota) kan nu nyaachaa jirani fi nafxanyoota moofaa, kan muuxatanii bifa haaraadhaan nutti deebi’anii nu nyaachuuf hamuummachaa jiran; kanaafis halkanii fi guyyaa hojjechaa jirani dha.
Warra, maaliif eenyummaa keessan himattu? Maaliif maqaa kanaan of waamtu (yaamtu)? Kan nuti isinirratti feene (Ethiopiawinet) dhiistanii maaliif eenyummaa keessaniif dursa kennitu? jedhanii duula nurratti oofaa jiran wajjin, akkamitti biyya takka biyya waloo kan hundaafuu taatu ijaaruun danda’ama? Yoomuma shirri Habashootaa kun nutti mul’ata laata? Hanga yoomiitti gara gara faffacaanee; akka diinni kophaa kophaatti nu rukutu carraa kenninaaf? Kaayyoo hin milkoofneef ykn milkaayuu hin dandeenyeef maaliif yeroo keenya gubna? Maaliif beekumsa, dandeettii fi qabeenya Oromoos waan hin taanerra oolchina?Otuu nu arrabsaa fi nu abaaraa jiranuu, akkamitti isaanitti deemnee isaan wajjin hojjechuu yaadna? Namni bilisummaa namarraa fudhate akkamitti deebisee namaaf kenna jennee waayee bilisummaatuu isaan wajjin haasofna? Oromoo, jarri kun warra injifannoolee QBOn hanga ammaatti argamsiise kanaayyuu balleessuu barbaadaniidhaa bar. Mee hubadhaa waan isaan jechaa jiran. Mee ilaalaa waan tajaajiltootni isaanii barreessaa jiran. Mee ittiyaadaa akkamitti isaan seenaa saba keenyaa xureessaa jiran. Waan isaan nurratti dalagaa jiran lakkaawamee hin dhumu. Egaa, jara akkanaa wajjinii kan biyya takka waliin ijaarree nagaan wajjin jiraachuu dandeenyu?
Erga waayeen uummata ykn saba Oromoo TV Aljaziraa irratti mariitti dhiyaate fi achirratti Obboo Jawar “I am Oromo first!” jedhee dubbate booda, dhimmi kun nafxanyoota haaraa fi moofaallee tokko isaan taasise. Oromummaadhaan falumuun yookaanis Oromummaa dura dhaabbachuun kaayyoo jara lamaaniituu waan ta’eef, asirratti gamaa gamanaa waliif mirmatan (dirmatan). Oromoon hoo maal godhaa jira? Hanga yoomiitti callisanii taa’uun filatama? Oromoo fi Oromummaarratti karaalee adda addaatiin duulamaa jira. Biyya keessatti duguuginsi sanyii Oromoo akka jalqabetti ittifufaa jira. Wanti Oromiyaa bahaatti yeroo ammaa ta’aa jiru kun diraamaa fiilmii otuu hin taane, badii uummata keenyarratti banamee dha. Kan yeroo dhiyoo kana naannoo Arsiitti musliimota Oromoorra gaye; hojii sukkaneessaan kun, kan Apaartaayidiin Aafrikaa Kibbaa yeroo duri sana uummata gurraacha irraan gahaa ture sana wajjin walfakkaata. Uummata keenyarratti rasaasa dhukaasaa duuban itti kuflaa akka jiran waan viidiyoorratti mul’atee dha. Asirratti waayee kana yoon kaasu, dubbii gamaa gamanaa walitti fiduuf otuu hin taane, duulli nurratti godhamaa jiru kun hunduu kaayyoo tokko waan qabuufi.
Biyya alaatti, nafxanyoonni har’a kan Oromummaarratti duulaniif maaliif jennee yoo ofgaafanne, deebiin isaa ulfaataa waan ta’u natti hin fakkaatu. Habashootni, karaa tokkoon sodaan isaan Oromoorraa qaban akkuma jirutti ta’ee, karaa biraatiin garuu tuffii nuuf qabnirraa akka maddus dagachuu hin qabnu. Haa ta’u malee, maaliif nu tuffatu jennees ofgaafachuu qabna. Sababni inni tokko Oromoodhumatu Oromoo tuffachiisa. Oromootni mooraa ofii dhiisanii mooraa diinaatti ykn alagaatti kaachuun Habshootaaf hamilee kenna. Asirratti, sirbi Artistin keenya Haacaaluu Hundeessaa: “Alagaan alagumaa maaltu alagaadhaan fira jedhe…” jedhee weellise qabiyyee fi dhaamsi isaa Oromoota hundaafuu waan gale natti hin fakkaatu. Karaa siyaasaatiinis yoo ilaalame, impaayara dulloomtee kufuudhaaf dhiyaatte tana diimookraatessinee haaraa ijaarra warri jedhanii, asii fi achi dhama’anis akkasuma Habashootaaf hamilee akka ta’an waan nama mamsiisuu miti. Itoophiyummaa faarsuun jara keenyaa kunis, akka mooraan QBO laaffatte waan mul’isuuf, warra Oromummaarratti cichan kophaatti dadhabsiisuuf akka itti tolu waan hubataniif, sababa kanaan Sabboontota keenyarratti duula oofu.
Diinni silaa diinuma, alagaanis akkasuma, wanti isaan dalagan nama hin dinqu kan nama dinqu garuu, eenyummaa keessan hin himatinaa jedhanii yoo akkanatti nurratti duulan kana, warri nuti Oromoo dha; bilisummaa Oromootiif qabsoofna jedhanii dubbatan, karaa biraatiin garuu Habshoota akkanaa wajjin biyya takka ijaaruuf kaayyoo qaban, akkamitti of ilaalu? Eenyummaa ofii duubatti hanbisaniiti bilisummaa Oromootiif qabsaa’u moo Itoophiyaatu dursa jechaa; garuu maqaa saba Oromootiin fedhii dhuunfaa bakkaan gahuu barbaaduu? Waayee yeroo ammaa deemaa jiru kanarratti ejjannoon namoota keenyaa kun maali? Oromummaa dha moo Itoophiyummaatu dursa jedhanii otuu gaafatamanii, deebiin isaanii maal ta’ina laata? Namni eenyummaa ofiitiif hin quuqamne, eenyummaa isaa/ishii akkamitti ilaala? Nafxanyootni, kan dubbiin “Ani dura Oromoo dha” jedhu kun akkanatti isaan maraache, eenyummaa saba Oromoo kabajanii; biyya waloo hundaafuu taatu ijaaruu akka hin barbaadne yoomiyyuu caalaa ifa godhanii jiru. Kanaafuu, dhaamsi ani akka ilma Oromoo tokkootti Oromoota kaayyoo Oromummaarratti hin hundoofne qabaniif dabarsuu barbaadu: Tokkummaa ilmaan Oromoo, tokkummaa Oromummaa malee karaan biraa isinis ta’ee uummata Oromoo kan gabrummaa keessaa baasuu danda’u hin jiru.
Dhumarratti, carraa kanaan waan tokko ibsuun barbaada. Akkan Raadiyoo Simbirtuu (08/08/2013) irraa dhagayetti, Obboo Jawaar Mohaammad Prezidaantii Waldaa Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association – OSA) ta’ee filatamuun isaa baay’ee na gammachiise. Kun karaa adda addaatiin ilaalama. Tokkoffaa, Sabboonaan keenya kun, yeroo abaarsi fi arrabni Habshootaan irratti roobamaa jiru kanatti ittigaafatama knaaaf filatamuun isaa, isaafis ta’ee uummata keenyaaf kabaja guddaa dha. Lammaffaa, dargaggoo beekaa, xiinxalaa fi kutataan kun hogganummaa jaarmayaa kanaa fudhachuun isaa dhaloota haaraadhaaf fakkeenya gaarii ta’a. Jaarmayaan kunis bara itti aanee dhufu kana keessatti kan dur caalaa waan guddaa tokko dalagee; mooraa keenya keessatti jijjiirama fi bu’aa tokko akka fidu abdiin qaba. Obboo Jawaar, dandeettii kee kana uummata Oromootiif akka oolchitu, Waaqni/Rabbi fi Ayyaanni Oromoo si haa gargaaru, jabaadhu Sabboonaa keenya jechuun barbaada. Dargaggoo Abdii Fiixees akkasuma dandeettii qabdu kanaan uummata kee caalaatti akka tajaajiltu fi qabsoo kana keessattis gahee guddaa akka taphattu abdiin qaba. Atis jabaadhu. Hundi keessanuu dhaloota haaraaf fakkeenya gaarii ta’uu qabdu. Oromoon isinnii boona. Nuti yoomiyyuu dura Oromoo dha!
No comments:
Post a Comment