Thursday, June 6, 2013

Shirri Habashootni nurratti xaxan yoomuma nuuf gala laata?

Abdii Boruutiin*

Habashootni, tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisuuf, qabsoo bilisummaa saba Oromoo dadhabsiisuuf yoo danda’an sirumaa dhabamsiisuuf halkanii guyyaa shira nurratti hojjechaa akka turani fi jiran seenaatu ragaa ta’a. Kun dhugaa waliigalaa waan ta’eef, diinarraa wanti biraas waan hin eegamneef, nama hin dinqu. Kan nama gaddisiisu garuu beeknees ta’ee otuu hin beekin; hubannees ta’ee otuu hin hubatin shira diinaa kanaaf qaawwa uumuu, balbala banuu, meeshaa ta’uu, kanaaf of saaxiluu, kan dabrerraa barchuu dadhabuu keenya dha. “Namni yoo quba tokko nama biraatti qabu, qubni sadeen isumatti akka garagalan hin hubatu” akkuma jedhamu, hubannoon kan jalqabu bakkeen ykn iddoon (position) quba sadeenii kun yoo beekamee dha. Wantin jechuu barbaade, dadhabbii keenya otuu hin hubatin yookaanis dhokfachaa Habashaatti quba qabuun gahaa miti. Yoon akkana jedhu ammoo diinatti hin xiyyeeffannu jechuu otuu hin taane, gabaabumatti mee dura haala keenya haa hubannuu jechuun barbaade.


Yeroo tokko tokko yoon waayee keenya gadifageenyaan ittiyaadu, balaa nutti deemaa jiru alaalatti arguu dadhabnee; hanga nubira gayutti teenyee eeguun rakkoolee dhuma hin qabneef akka nu saaxilee fi nu saaxilun hubadha. Balaa tokko alaalatti arganii ofirraa ittisuu yoo hin dandeenye; yoo nama bira gayee harkaan nama qabate, kana keessaa ofbaasuun rakkisaa ta’a. Akkuman armaan olitti tuqee dabre, Habashaatu akkana nu godhe, isaantu akkas nu godhe; Habshaatu naannoo, gandaa fi amantii dhaan akka walqoqqoodnu nu taasise; Habshaatu shira nurratti xaxee, akka mooraan keenya laafu taasise fi kkf dubbachaa ormatti quba qabuun homaa hin fidu. Wanti ofis walis gaafachuu qabnu, yeroo isaan akkana nu godhan ykn nu taasisan kana, maaliif shira isaaniitiif karaa baasna jennee of gaafachuun silaa gaafii duraa ta’uu qaba ture. Takka dogoggoruun uumaa ilma namaa keessa waanuma jiruu dha; garuu lammata gowwoomuun, kan dabrerraa barachuu dadhabuun dadhabbii mataa ofii ti.

Wantan har’a waayee shira Habashootaa kaaseef sababan qaba. Barreeffama mata duree “OROMO MALLI MAALI ?” jedhuun Tokkicha Abbaa Milkiitiin dhiyaate dubbisseen ture. Barreeffamni kun barreeffama biraa mata dureen isaa “Amna Dukkanaa’aa: Seenaa Dhokataa Ilmaan Oromoo Biyya Eritrea Keessaa” jedhuun dargaggoo maqaan isaa T.F YKN Addaamuu jedhamuun dhiyaate irratti hundaaye. Waayee barreeffama duraa, kan T.F ykn Addaamuu dhaan dhiyaate sana, gara boodaa itti deebi’ee waan tokko tokko jechuun barbaada. Qabiyyeen barreeffama Obboo Abbaa Milkii garuu akka naaf galetti ykn akkan hubadhetti waan Shaabiyaatti xiyyeeffatu fakkaata. Asirratti wanta Eertiraa keessatti godhamaa ykn ta’aa jiruuf ragaa waanan hin qabneef waayeen kun dhugaa dha yookaanis dhara jechuu hin danda’u. Haa ta’u malee, wanti hubatamuu qabu tokko, har’a abbaan fedhee biyyas ta’ee mootummaan kamiiyyuu dhimma mataa isaatiif ykn bu’aa irraa argatuuf jedhee yoo ta’e malee, dhugumatti garaa qulqulluudhaan qabsoo saba Oromoo ni deeggara jedhanii irraa eeguun ofgowwoomsuu dha jedheen yaada.

Qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisee, Eertiraan akka ofiif walabummaa argatetti, walabummaa Oromiyaas ni deeggarti yookanis hin barbaaddu jechuun ammaaf na rakkisa. Waan Shaabiyaan ykn Eertiraan Oromoof godhaa turte/jirtu badaas ta’ee gaarii seenaaf dhiisuudhaan, wanti hubatamuu qabu garuu, akka barreeffama lamaan sana keessatti ibsametti, TPDMs (Tigry Peoples Democratic Movement) ta’ee Shaabbiyyan maqaa Oromootiin jaarmayaa maxxannee ijaaruu yaaluun qabsoo keenyaaf baay’ee gaaga’ama guddaa akka ta’u dha. Karuma fedheenuu haa dhufuu, shirri akkanaa kun balaa guddaa nutti fiduu akka danda’u Oromoon jabeessee hubachuu qaba. Shirri akkanaa kun milkoofnaan; jaarmayaan akka OPDO deebi’aa ijaaramnaan, qabsoon keenya ammas bar-kurnee lamaa ol gara duubaatti akka deemtu shakkiin hin jiru. Kun sodaatanii nama sodaachisuu otuu hin taane balaa dorrobee jiru arguu danda’uu dha; yaaddoo ibsuu dha. Dhimmi kun hin ta’a ykn hin ta’u; ni milkaaya ykn hin milkaayu jechuun tilmaama mataa ofii ti. Dhugaan lafarra jiru garuu dagatamuu hin qabu. Bitaa fi mirga ilaaluun barbaachisaa dha.

Gaafiin barreessaan kaase, “Oromoo malli maali?” kan jedhu anaaf gaafii bu’uraa ti. Gaafii Oromoon hunduu hubachuu qabani fi deebii isaas barbaadanii argachuu qabanii dha jedheen amana. Akkan barruu kana dhiyeessu kan na taasisellee barreeffama mata duree kanaan dhiyaatetu qalbii koo na harkise. Dhiiroo, kun gaafii yeroo ti; akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Haalli keenyaayyuu walumaagalatti “Oromoo malli maali?” kan nama jechisiisu dha. Kaayyoon barreeffama kiyyaa Eertiraa balaaleffachuufii miti. Kana hin godhan jedhee isaanis amanuun na rakkisa. Har’a abaan fedhee, koodeen ofiituu bu’aa ofiitiif jedhee obboleessa ykn obboleetti isaa dabarsee kennuu danda’a. Impaayara Itoophiyaa tana keessatti biyya fi qabeenya Oromoo kan hin hawwine hin jiru. Bilisummaa fi walabummaa otuu hawwinuu kan caalu nutti dhufee; bu’aalee hanga har’aatti qabsoon kun galmeesseyyuu akka hin dhabne ofeeguu qabna, Oromoo. Ammas irran deebi’a balaa nutti dhufuuf deemaa jiru alaalatti arguu haa dandeenyu. Kun gamnummaa dha.

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, barreeffama isa duraas, kan dargaggooT.F YKN Addaamuu jedhamuun dhiyaates dubbissen ture. Yaadolee heddoominaan achirratti kennamanis argee jira. Namootni barreeffama sana karaa adda addaatiin ilaalan. Kuun waan akka asoosamaatti dhiyaate fakkeessu; kuun waan gareen Obboo Leencoofaa dhiyeessan fakkeessu; kuun ammoo waanuma dhugaadhaan argame ykn argamaa jiruu dha jedhu. Dhgaa dha, wanti tokko yoo ragaa qabatamaa wajjin hin dhiyaatne tilmaama gara graa keessa nama galchuun hin oolu. Asirratti wanti dubbistootni barreeffama kiyyaa hubachuu qaban waan dargaggoon kun barreesse dhugaa hin ta’u jechuu kiyyaa akka hin taane dha. Akkuman dursee jedhe, wanta tokko dhugaa ykn dhara ta’uu isaa kan mirkaneessu ragaa wajjin dhiyaatu dha. Dhugaa dubbachuudhaaf, anillee yeroon barreeffama sana dubbisu waayeen kun garaa na nyaatullee, karaa biraatiin garuu yaada adda addaa keessa na galchuun hin oolle. Barreeffama sana karaa adda addaatiinan ilaale jechuu kooti.

Tokkoffaa, akka barreessaan seenaa ofii ibsetti waanuma irra gaye barreesse malee fakkeessuu hin danda’u yaada jedhutu na keessatti uumame. Waan inni keessa dabre, keessumaayuu Oromiyaarraa gara Eertiraa; Eertiraarraa gara Suudaan; achirraa ammoo gara Keenyaa deemuun dhugumatti amanuun nama rakkisullee dhara ta’uu hin danda’u jedheen fudhadhe.

Lammaffaa, akkuma namootni tokko tokko tilmaaman, anis tilmaamni ani qabaachaa ture, warri ABO (warri Eertiraa keessa jiran) walabummaadhaan socha’uu akka hin dandeenye; rakkoo akka qaban; sababa kanaan ammoo achi taa’anii qabsoo kana gara fuulduraatti oofuu hin danda’an jedhanii isaan qeequuf jecha gareelee biroorraa (diinarraaiys ta’uu mala) xalyaan akkanaa waan qophaayes natti fakkaate.

Sadaffaa, dhuguma akkuma jedhamu, Eertiraa keessa rakkoon jiraatee; qabsaa’ota fi hoggantoota keenyarratti dhiibbaan uumamee; akka barbaadanitti socha’uu dadhabanii; sababa kanaan isaanuma keessaayuu rakkoo jiru gadi baasuuf jecha xalayaan kun akka qophaayu godhamees ta’uu mala jedheen yaade.

Afraffaa, mootummaan Eertiraa hangam qabsoo bilisummaa Oromoo dhugumatti akka gargaaru beekuun na rakkisullee, ammaaf diina Wayyaanee waan ta’eef, maqaa Eertiraa xureessuf; akkasumas dargaggootni Oromoo akka achi hin dhaqne hamilee isaanii cabsuuf jecha xalayaan kun gara Wayyaaneerraa qophaayee waan barreeffames natti fakkaate.

Egaa, kun tilmaama mataa kiyyaa ti. Wanti tokko dhugaa ykn dhara ta’uu isaa addaan baafachuun kan danda’amu yoo ragaa qabatamaan tokko jiraate dha. Karaa biraatiin ammoo, wanti akkanaa kun yoo uumamu qaamni tokko gadi bayee asirratti ibsa kennuun silaa waayee kana qulqulleessuudhaaf gaaarii ta’a ture. Garuu mee haa jennu, dhugumatti wanti dargaggoon kun barreesse yoo dhagaa ta’e; yoo dhuguma Shaabiyaan duuba jiraate ykn shira Habashootaa ta’e, hoggantootni keenya kan Asmaraa jiran waayee kanarratti ibsa kennuun isaan rakkisuu danda’a. Dhugaa dha yoo jedhan, waan iccitiin bayuuf, isaaniifuu gaaga’ama guddaa ta’a. Soba ykn dhara akka hin jenne ammoo, wanti barreeffame kun akka asoosamaattillee yoo dhiyaate, kun dhugaa jiru irratti waan hundaayuuf, dhara jedhanii sarara jala butuunis rakkisaa ta’a.

Karaa biraatiin garuu, waayeedhuma kana ilaalchisee, gaafii fi deebii Raadiyooniin Sayifa Nabalbaal Dr Shigux Galataa waliin godhe irratti, deebii isaaniirraa waa sadin hubadhe. Tokkoffaa, sadarkaa imaammataatiin mootummaan Eertiraa waan akkanaa barreeffamaan hin qabu kan jedhu dha. Asirratti waan jechuu barbaadan garuu anaaf ifa hin taane. Lammaffaa, barreessaan kun marsaalee intarneetaarratti facaase malee eenyummaa isaa hin ibsine; dhimmi kun hangam dhugaa dha ykn amansiisaa dha kan jedhu gaafiin kun banaa dha; kun gara fuulduraatti qorannoodhaan kan bira geenyu ta’a kan jedhu yoo ta’u; sadaffaa, wanti barreeffame kun dhugaa ta’uun isaa hin beekamu; barreessaan kun abbaa fedhe ta’uu danda’a yookaanis dhugumatti rakkoon kun irra gayees ta’uu danda’a kan jedhu dha. Dhugaa ykn rakkoo jiru Waaqayyo/Rabbi qofaatu beeka. Kan ta’es ta’u, shirri Habashootni nurratti xaxan daangaa waan hin qabneef, ofeeggannoo guddaa barbaada. Dammaqinsaan haala keenya hubachuun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha.

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment