Monday, June 17, 2013

Dhimmi Oromoo kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?

Abdii Boruutiin |Waxabajjii 17, 2013

Yeroo ammaa, uummatni Oromoo biyya keessattis ta’ee biyya alaa tokko tokko keessatti rakkoolee hamaadhaan xaxamee otuu jiruu; lammiileen Oromoo manoota hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa otuu jiranuu; uummatni keenya qayee issaarraa buqqayee rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa otuu jiruu; bahaa fi kibba bahaa Oromiyaa keessatti Sumaaleen uummata keenyarratti duultee lafa isaarraa ari’aa otuu jirtuu; lafti keenya Wayyaaneedhaan gurguramtee dhumaa otuu jirtuu; naannolee (environment) keenya badiin irra gahaa otuu jiruu;walumaagalatti gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa otuu jirruu; dhimmoota gurguddoo dursa argachuu qaban kana dhiisnee ykn dagannee, waan xixiqqoorratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna keenya balleessuun bu’aan isaa eenyuuf ta’a jennee itti yaadnee jirraa? Rakkoolee jiranirratti rakkoolee biroo ofitti daballee sababa kanaan qabsoo bilisummaa keenyaa laaffisuuf yoo ta’e malee, waan dursa argachuu hin qabneef dursa kennuun Oromoof bu’aa hin fidu.

VOA: G/D jiraataa Mayyuu Mulluqqee wajjiin haala yeroo ammaa achiti deemaa jiru irraatti taasise

          

Friday, June 14, 2013

Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!

Waxabajjii 13, 2013 (Jiituu Lammii Irraa)

Dur, yoon daa’ima ture, ijoolleen dhiiraa arfaasaa laga, lafa ciraa deemanii gogorrii ykn. sololaa adamsu.  Gogorrii  ykn.  sololaan kiyyoon qabanii galan “ ….alaa sagalee warraa ishee yoo dhageessee baduu yaaddi,  nihuuqqatti.”  Waan jedhamuuf   hanga guyyaan qalmaa gahutti xaafii hammaaranii gurra isheetti naqu – Akka isheen sagalee dhugaa, qooqa fira ishee hindhageenyee gurra duuchanii, raatessanii haaduuf qopheessuudha akeekni isaa. Kun yaaddannoo ijoollummaati. Ittigala dubbii kanaa arguuf waliin haa turru!

Ethiopian parliament votes to strip Egypt of rights to majority of Nile water

June 14, 2013 (Reuters in Addis Ababa)

Tensions rise between neighbours over £4.7bn Great Renaissance Dam project

Ethiopia's parliament has unanimously ratified a treaty that strips Egypt of its right to the lion's share of the Nile river waters, raising the political temperature in a dispute between Cairo and Addis Ababa over the construction of a dam.

The parliament's move follows days of irate exchanges between two of Africa's most populous nations over Ethiopia's new hydroelectric plant, which Egypt fears will reduce a water supply vital for its 84 million people.