Saturday, April 6, 2013

Ibsa KY-ABO: KAAYYOO OROMOO FAALLEYSUUN HIN DANDAYAMU

Gaafiin Oromoo gaafii abbaa biyyummaati malee gaafii mirga lammummaa Tophia kadhachuutii miti. Oromoon wanni qabsaawuuf biyya humnaan weeraramee boortaadhaan irra fudhatamte harkatti deeffachuuf taha. Akeeka kana bikkaan gahuufiis gootota qaqqaalii kumaatamaan lakkaawamaniitu itti waragamee, ammallee itti wareegama jira. Oromoon qabsoo hadhooytuu bara dheeraaf gooteen milkii if duuba deebisuu hin dendeenye baayye galmeesite. Qabsoon Bilisummaatiis sadarkaa amansiisaarra gahuutti jirti. Ar’a waan hamma ammaatti hele jabeeyfatee sadarkaa itti aanutti tarkaafachuutu irrra eeggama malee waggaa afurtama if booda deebi’ee tokkummaa Tophiyaa leellisuun hin barbaachisu.

Friday, April 5, 2013

MUKA JALLAA DIRIIRSUUN OSOO QACALEETI

Jawaar Siraaj Mohammad Irraa

Ebla 04, 2013 (Gulele Post):--Tattaaffiin rakkoo qabsoon Oromoo mudatte furuudhaaf akka matayyaattiis tahe akka  gurmuutti godhamaa jirtu mara jajjabeessuun barbaachisaadha. Carraaqqiin garasiin godhamtu garuu, tan rakkoo jirtuuf furmaata argamsiiftu malee tan rakkoo jirtu daranuu  hammeessitu tahuu hinqabdu. Keessaafuu, injifannoolee hanga ammaatti argamaniif wantoota bu’ura tahan akka hin faallessine of eeggannoo cimtuu qabaachuu feesisa. Murni dhiheenya kana as bahe  jechoota hahhaarayaa waliin mul’ate. Jechoota kana keessaa, jechoonni lama (terminologies) waan qabsoon Oromoo hanga ammaa himachaa turteefi (political narrative), maalummaa qabsoo tanaatis faallessu tahuu isaanii ibsuufi hubachiisuu barbaachisa.

Thursday, April 4, 2013

Ethiopia’s Quest for Deeper Water

By Giordano Cossu

April 4, 2013 (The Epoch Times)- The dry season is at its peak in the Somali Region of Ethiopia, and due to scarcer rains, a new food and water emergency looms. With the 2011 famine in memory, the Ethiopian government, the people, and aid organizations search for water anywhere they can find it. Will these efforts be enough to fight increasing insecurity due to climate change?

Oromo TV: ODF Meeting in Minneapolis, MN March 30, 2013 (Video)

                

HUNDA DURA, BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!

Y.G. (2005)* Irraa

Namni ykn humni yk Biyyi tokko, Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko, gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee, ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.

Ethiopia Using Spyware to Monitor Political Activists

April 4, 2013

By Tesfa-Alem Tekle

Addis Ababa — A recently released report has indicated that the Ethiopian government is using a controversial spyware software called FinSpy to monitor the political activities of opposition groups in the country.